Tumgik
oromolyrics · 7 years
Audio
One of the legendary Tsegaye "Sayyoo" Dandana's greatest albums released in the early 1990s. It is an expression of love for both his countrymen and his country as well as a celebration of the diversity of Oromo culture.
6 notes · View notes
oromolyrics · 7 years
Text
Faaruu Alaabaa Oromo (Oromo Flag Song)
The de facto national anthem of Oromia.
Tumblr media
Alaaba Oromo ibsiitu dukkanaa, Guyya sii dhabbannee gabruummarraa baanaa.
Alaaba Oromo ibsiitu dukkanaa,  Guyya sii dhabbannee gabruummarraa baanaa.
Kumnilee du'u, kan hafeen si dhaabnaa,  Du'arraa hin deebinuu, tarreerra dhabbanaa.
Alaaba Oromo ibsiitu dukkanaa, Guyya sii dhabbannee gabruummarraa baanaa.
Dhigaan sifacaasaa, lafeen sibobeessaa, Oromiyarratti, gad sumaan dhaabsisaa.
Alaaba Oromo ibsiitu dukkanaa, Guyya sii dhabbannee gabruummarraa baanaa. Dhiira dhalaa keenya, bakkumaa jiiranii, Gadi sidhaabuu jecha, ibiddaan dhumanii.
Alaaba Oromo ibsiitu dukkanaa, Guyya sii dhabbannee gabruummarraa baanaa. Sii dhaabannee bullaa, guyya tokko taatulee,  Guyyaan sun nii dhufaa, hangam yoo turellee.
Alaaba Oromo ibsiitu dukkanaa, Guyya sii dhabbannee gabruummarraa baanaa. Asxaa sirna haarayaa, abdii walaabummaa, Dhiigaan gad si dhaabnaa, yaa faajjii tokkummaa.
Alaaba Oromo ibsiitu dukkanaa, Guyya sii dhabbannee gabruummarraa baanaa.
Balali'uuf teessaa, atiis tarree galtee Mallattoo mootummaa Oromiyaa taatee.
Alaaba Oromo ibsiitu dukkanaa, Guyya sii dhabbannee gabruummarraa baanaa. Dhiibnee ol sii kaassaa, dhifteeto mullataa, Alaabaa dhugaatiif bodee nii dhabataa.
Alaaba Oromo ibsiitu dukkanaa, Guyya sii dhabbannee gabruummarraa baanaa.
youtube
14 notes · View notes
oromolyrics · 8 years
Text
Damee Koo (Traditional Love Song/Poem)
This is a traditional folk song from the Wallaggaa region of Oromia. It is typically sang by a guy to a girl in the communal Wallaggaa style of dancing in a circle around the singer. I’ll post a video of people in my hometown singing it soon. I just randomly remembered the tune and it’s been a nostalgia trip for me singing it in my head. If you have any traditional folk songs that you want me to post please send them to me, especially from regions other than Wallaggaa because my knowledge is very limited when it comes to that. 
Damee koo kottu akka taanu, Yoomilee gargar hiin baanu, Damee koo kootama boyee, Dabalee dheegee jalesaa, Watilee soolana ijoollee, Damee koo eegdee dandessa,
Amhara jechaan Wolloodha, Wollo gadjalaan arreeda, Magalaa jechaan qaloodha, Qaloo akka Gadaa maseena,
Abbaan kee dheeraa gabaaba, Ijja saani keessa malee??, Afaan kee keessan araaba, Ergaa maalif ergaa baanee??
Haa ijaaru abbaan ijaaree Ani hin dhisu dagalee koo Haa hinaafu abbaan hinaafe Ani hiin dhisu jalalee koo.
I’m sorry I’ve fallen behind with the requests I’ve just been so busy but I’ll catch up soon so bear with me :)
5 notes · View notes
oromolyrics · 8 years
Note
Abbaan lafaa dhabe lafasaa- Shukri Jamal
Got it :)
1 note · View note
oromolyrics · 8 years
Note
Can you do Nu Gahe by Shukri Jamal? Thank you!!
Can you please send us a link to the video?
0 notes
oromolyrics · 8 years
Note
I would like to have the lyrics of Tadele Gemechu, Hintegnumaa
Got it 👌🏾
0 notes
oromolyrics · 8 years
Note
Hi, akkam. Can u do Maalan Jura by Haacaalu Hundeessa? Thanks!
Yes, will do!
0 notes
oromolyrics · 8 years
Note
First of all thank you for what you doing! I wanted to see if u can write the lyrics for ya Biyye by tajuddin Ahmed and Master plan by Caala bultume... Much appreciated Obbolessa
Sorry for replying so late, sure thing I'll add it to my list!
2 notes · View notes
oromolyrics · 8 years
Text
Oromiyaa Tiyyaa (Hacaalu Hundessa)
youtube
Nan hima nan hima, Nan hima waa’eeke, Hin callisuu argee, Oromiyaa tiyyaa, Biyya hayyuu qaroon, Biyya goonni ??miirree?? Dachee keerraa margee
Nan hima nan himaa, Qabda seenaa cimaa (2x)
Nan hima nan hima, Nan hima waa’eeke, Hin callisuu argee, Oromiyaa tiyyaa, Biyya hayyuu qaroon, Biyya goonni ??miirree?? Dachee keerraa margee
Nan hima nan himaa, Qabda seenaa cimaa (2x)
Kan sittii baqateef, Kan sirraa dhalatees. Ija tokkoon ilaaltaa, Ormaaf fira hin jettuu, Kan beela’eef laattaa, Hundaaf garaa laaftaa.
Fuula toleettii koo, (Oromiyaa) Hunda hammattuu koo, (Oromiyaa) Qabaattee hin waakkattuu, (Oromiyaa) Rakkataakee hin gattuu, (Oromiyaa) ((2x))
Kaniin horee qabuu, Isinii hambaan koo, Otoon aboo dhabuu, Maafta’ee carraan koo, Kutaadhaaf amantiin, Maaliif wal-qoqqoodduu, Ilmaan haadha tokkoo, Maaliif waliin oodduu.
Maaloo, ya ilmaan koo quxusuu, Maaloo, ya ilmaan koo hangafaa, Maaloo, ormayyuu guddisee, Dabarseefi boonsee, Maa dabaree dhabaa, Jette Oromiyaan, Jette harmeen boossee.
(Hin boo’iin) Oromiyaa tiyyaa, (Hin boo’iin) Sooreekoo sooreetti, (Hin boo’iin) Otoo nuti jirruu, (Hin boo’iin) Hin haftu booddeetti. 
(Biyyakoo) Oromiyaa tiyyaa, (Biyyakoo) Sooreekoo sooreetti, (Biyyakoo) otoo nuti jirruu, (Biyyakoo) Hin haftu booddeetti.
Nan hima nan hima, Nan hima waa’eeke, Hin callisuu argee, Oromiyaa tiyyaa, Biyya hayyuu qaroon, Biyya goonni ??miirree?? Dachee keerraa margee
Nan hima nan himaa, Qabda seenaa cimaa (2x)
Finca’aafi Gibeen, Si’uma keessa jiruu, Dachee keerra jiruu, Dukkana biyyarraa, Ifatti jijjiiruu Ifatti jijjiiruu
Bunaaf albuudni kee, (Oromiyaa) Madda galii biyyaa, (Oromiyaa) Maal-dhabdeet rakkattaa, (Oromiyaa) Oromiyaa tiyyaa, (Oromiyaa) Bunaaf albuudni kee, (Oromiyaa) Madda galii biyyaa, (Oromiyaa) Maal-dhabdeet rakkattaa, (Oromiyaa) Ya boonsituu tiyyaa. (Oromiyaa)
Jiituu boonaaf gannaa, Kan uumamaan toltee, Jannata ardiittii, Kamtu siin qixxaatee?
Qabeenyaake ??eeggatta??, Eeggannee guddifna, Dureetti ta’uu kee, Addunyaaf mul’ifnaa, Egaa, olmaan kee dachaadhaa, Egaa, yoom himamee dhumaa, Egaa, qabda seenaa boonsa, Kumaatama kumaa, Haadha jechuun, biyya jechuun, Anaaf Oromiyaa dhumaa.
(Biyya koo) Biyya Sirna Gadaa, (Biyya koo) Madda wal-qixxumma, (Biyya koo) Gaaddisa Odaan kee, (Biyya koo) Mallattoo eenyumma.
(Hin boo’iin) Oromiyaa tiyyaa, (Hin boo’iin) Sooreekoo sooreetti, (Hin boo’iin) Otoo nuti jirruu, (Hin boo’iin) Hin haftu booddeetti. 
9 notes · View notes
oromolyrics · 8 years
Text
Anis Biyyan Qaba (Ali Birra)
youtube
Anis biyyan qabaa, Biyya biyya caaltuu, Biyya too Oromia, kan uumaan badhaatu.
Handhuura abbootaa, biyya gootoowwanii, Biyya hayyuu qaraa, biyya bifleewwanii.
Biyya too Oromia, biyya sirna gadaa, Kan ittiin beekamtuu, mallatoon ishii odaa, Anis biyyan qabaa, kanan ittiin dhaadadhuu. Biyya too Oromia, kan an jiruuf abdadhuu
Biyya too badhaatu, magarsituu hundaa Biyya midhaanii fi albuuda adda addaa
Baddaa fi gammoojjii, gaarraniif raarotaa Kan ormaa ni quufa, haadha beeyladootaa Haadha beeyladootaa
Anis biyyan qabaa, Biyya biyya caaltuu, Biyya too Oromia, kan uumaan badhaatu.
Handhuura abbootaa, biyya gootoowwanii, Biyya hayyuu qaraa, biyya bifleewwanii.
Biyya too Oromia, biyya sirna gadaa, Kan ittiin beekamtuu, mallatoon ishii odaa, Anis biyyan qabaa, kanan ittiin dhaadadhuu. Biyya too Oromia, kan an jiruuf abdadhuu
Haadha burqaalee fi, lageeyyan gurguddaa dhaa Mukeen bosona ishii, addunyaaf fakkii dhaa
Gosti shimbirroolee, kan halluun faayyamtee Bineyyiin adda addaa, bosona ishii guutee Bosana ishii guutee
Anis biyyan qabaa, Biyya biyya caaltuu, Biyya too Oromia, kan uumaan badhaatu.
Handhuura abbootaa, biyya gootoowwanii, Biyya hayyuu qaraa, biyya bifleewwanii.
Biyya too Oromia, biyya sirna gadaa, Kan ittiin beekamtuu, mallatoon ishii odaa, Anis biyyan qabaa, kanan ittiin dhaadadhuu, Biyya too Oromia, kan an jiruuf abdadhuu.
Gannaa fii bonni ishii, nama gammachiisaa Ayyoo Oromiyaan, hoggayyuu hameessaa
Ittiin bulmaatni ishii, seera abbaa gadaattii Dimokraasiin mara, ilmaan ishii haammattii ilmaan ishii haammattii
Anis biyyan qabaa, Biyya biyya caaltuu, Biyya too Oromia, kan uumaan badhaatu.
Handhuura abbootaa, biyya gootoowwanii, Biyya hayyuu qaraa, biyya bifleewwanii.
Biyya too Oromia, biyya sirna gadaa, Kan ittiin beekamtuu, mallatoon ishii odaa, Anis biyyan qabaa, kanan ittiin dhaadadhuu. Biyya too Oromia, kan an jiruuf abdadhuu
Ittiin bulmaatni ishii, seera abbaa gadaattii Dimokraasiin mara, ilmaan ishii haammattii
Anis biyyan qabaa, baqataa ta’u illee Roorroo halagaa tiifin, biyyaa deeme malee biyyaa deeme malee
6 notes · View notes
oromolyrics · 8 years
Text
Oromiyaa/Oromia (Qemer Yusuf)
youtube
Teessoo na gaafannaan jedheen Oromiyaa, Dhiiga lafee tiyyaa, Biyya abbaa kiyyaa. ((2x))
Namni abbaa malee hin dhalatuu, Biyyan qabaa kan na boonssiftu, Onnee tiyyaa, Tiruu tiyyaa. ((2x))
Anaafis Oromiyaa, Oromiyaa, Oromiyaa, Oromiyaa, Oromiyaa,
Aadaa hayyuu, ogeessa maraa, Yaa jaalatamtuu, biyya goototaa, Eebbifamtuu, biyyee biyyarraa, Ya Oromiyaa, fakkee jannataa.
Ana kankee, an ilmikee dhufaan jiraa, Hammasittuu salaamataa Ana kankee, tokkichikee dhufaan jiraa, Hammasittuu salaamataa.
Dargaggoon kee, mammagaallanii, Dhedheeroo afroo, mudhii sinnaaraa, Shamarran kee, babbareedina, Ilkeen aannaanii, wayyaan areeraa.
Arjoomakee, an oggayyuu na mararaa, Akkam godheen, sirraa turaa, Arjoomakee, an oggayyuu na mararaa, Akkam godheen, sirraa turaa.
Teessoo na gaafannaan jedheen Oromiyaa, Dhiiga lafee tiyyaa, Biyya abbaa kiyyaa. ((2x))
Namni abbaa malee hin dhalatuu, Biyyan qabaa kan na boonssiftu, Onnee tiyyaa, Tiruu tiyyaa. ((2x))
Anaafis Oromiyaa, Oromiyaa, Oromiyaa, Oromiyaa, Oromiyaa,
Ya quubsituu, alagaaf firaa, Hundee Kushiitiik  kan Nuubiyaarra, Yaa angafii, sirna walabaa, Kan diimokraasii, addunyaa kanaa.
Rabbi wajjiin, sooromaafii eennummaakee, Nu ilmaan kee, sitti finna. ((2x))
Abaaboo birraadhaa, Burqaa qilleensasaa, Mukkeen gaara keenyaa Ejersaaf birbirsaa Himeetoo hiin fixuu, Baay’inaa bineensaa
Maali yaa ilma namaa! Maala yaa ilma Oromoo!
Bineensa gaaralleetuu, Na jira yaannisaa, Mukkeen gaara keennaatuu, Na jira yaannisaa, Bishaan laggeen keennaatuu , Na jira yaannisaa, Laga Awaash gubbaatuu, Na jira yaannisaa, Qe’ee warra keennaatuu, Na jira yaannisaa, Iluu Abbaa Boraatuu, Na jira yaannisaa, Baalee Gobbaa kiyyaatuu, Na jira yaannisaa, Jimma Abbaa Jifaariituu , Na jira yaannisaa, Wallaggaa Naqamteetuu, Na jira yaannisaa, Walloo Kamiseedhaatuu, Na jira yaannisaa, Shawaa Finfinneedhaatuu, Na jira yaannisaa, Harargee Balloodhaatuu , Na jira yaannisaa, Arsii Asallaadhaatuu, Na jira yaannisaa, Sidaamoo Diilladhaatu,  Na jira yaannisaa, Nageellee Booranaatuu, Na jira yaannisaa, Bishaan biyya kiyyaatuu Na jira yaannisaa
OROMIYAA BAL’OOTUU, NA JIRA YAANNISHEE!
6 notes · View notes
oromolyrics · 8 years
Text
Haadha Koo (Abito Kebede)
youtube
A heartwarming song by Oromo legend Abito Kebede dedicated to his mother. The lyrics celebrate the sacrifice of motherhood and express a son’s deep longing to see his own mother again. Learn and sing this for your mother next mother’s day!
Fageenya na dhowweef malee, Si yaadu hin dhiifne haadha koo, Maalin godhaa garuu? Fageenyatti haa amaatu, Nagaan taa’ii ((2x)) Rakkattusi rabbiin jirraa, Beeloftus obsii taa’ii, Ani mucaan kee nagaadhaa, Haadha koo nan yaadinii. ((2x))
Fageenya na dhowweef malee, Si yaadu hin dhiifne aayyoo koo, Maalin godhaa garuu? Fageenyatti haa amaatu, Nagaan taa’ii. Fageenya na dhowweef malee, Si yaadu hin dhiifne deessee koo, Maalin godhaa garuu? Fageenyatti haa amaatu, Nagaan taa’ii.
Imimmaan kee gaafasii, Yommuu naa gaggeessituu, Deessee, guddiftee na dhaabdee, Haadha koo attam sii ta’uu. ((2x))
Fageenya na dhowweef malee, Si yaadu hin dhiifne haadha koo, Maalin godhaa garuu? Fageenyatti haa amaatu, Nagaan taa’ii. Bifaa ijoollummaa keettiin, Na guddisuudhaaf fixee Ottuu siin  darbiin darbu deemtaa, Haadha koo attam sii ta’uu. ((2x))
Fageenya na dhowweef malee, Si yaadu hin dhiifne deessee koo, Maalin godhaa garuu? Fageenyatti haa amaatu Nagaan taa’ii Ijjii kee silaa hin didee, Boo’ichaaf dur sii uumee, Wal arguun natti hin fakkaatuu Sabbataan garaa hidhuu. ((2x)) Fageenya na dhowweef malee, Si yaadu hin dhiifne aayyoo koo, Maalin godhaa garuu? Fageenyatti haa amaatu Nagaan taa’ii
6 notes · View notes
oromolyrics · 8 years
Note
Haadhaa koo
Will do!
0 notes
oromolyrics · 8 years
Note
Can you write the lyrics for Marimee by Abebe Kefeni?
Will do as soon as possible :) Keep on making requests, I’ll try my best to fulfill them.
0 notes
oromolyrics · 8 years
Text
Haatti Dhiira #OromoProtests
In memory of the valiant Oromo students who protested to defend their fellow farmers from being evicted as part of the Addis Ababa Master Plan, here is a short part of a song by Ebisa Adunya. The song is about the youth’s resolve and a mother’s pain at watching her child go to fight for his country. Ebisa Adunya was singing about his own life and his mother’s reaction when he told her he would go to join the Oromo Liberation Front.
As the Oromo quote goes “Qabsa’aan hiin kufaa, qabsoon itti fufaa” meaning the “Revolutionary may fall, the revolution goes on”. WE WILL REMEMBER YOUR SACRIFICE!
youtube
Haatti dhiira boosee Lafaa gangalatee, Mucaan koo hin du’a moo, Galaa laata jeettee?
Hiin booyiin ayyoo koo, Ani diinan waraana, Dudubatii hiin afnuu, Wali wajiin kaana. (x2)
A boy’s mother weeps, She throws herself on the ground, Will my son die? Or will he come home?
Don’t cry my mother, I will fight the enemy, Our land won’t be left behind, We will rise up together.
21 notes · View notes
oromolyrics · 9 years
Text
Kottu Me/Ney Esti (Tilahun Gessesse)
youtube
This is one of the earliest Oromo songs by Tilahun Gessesse (born Dandana Ayano Gudata). The song is special for a number of reasons, in the period when it was released (early 60s) many people would deny being Oromo in order to escape the social stigma but not Tilahun, instead he chose to proudly showcase his identity through his music. He could have just sang Amharic songs and claimed to have been an Amhara since his name wouldn’t give it away, but he didn’t. His bravery should be an example to those who face the same identity crisis today. RIP my brother!
NOTE: I didn’t write all the Amharic lyrics because I couldn’t figure it out, any help is appreciated.
Kottu me (x2) Kottu me wajjin galaa, kottu mee. Kottu me (x2) Kottu me wajjin galaa, kotta mee.
Ney esti (x2) Ney esti... Ney esti (x2)
Xaffi laffa argama, Ani na wamsisi,  (Kottu me wajjin galaa, kottu mee) Yoon si malee komee, Wassi na wamsisi,
...
Kottu me (x2) Kottu me wajjin galaa, kottu mee. Kottu me (x2) Kottu me wajjin galaa, kotta mee.
Ney esti (x2) Ney esti... Ney esti (x2)
(Musical Interlude)
Kottu me (x2) Kottu me wajjin galaa, kottu mee. Kottu me (x2) Kottu me wajjin galaa, kotta mee.
Ney esti (x2) Ney esti... Ney esti (x2)
Ani hin nyaadhu kuufe, Mi’aa afaanira ka’e, (Kottu me wajjin galaa, kottu mee) As sikki mucaayo, Garaan na boba’e
...
Kottu me (x2) Kottu me wajjin galaa, kottu mee. Kottu me (x2) Kottu me wajjin galaa, kotta mee.
Ney esti (x2) Ney esti... Ney esti (x2)
6 notes · View notes
oromolyrics · 9 years
Text
Iyaase (remake by Qemer Yusuf)
youtube
“Iyaase” is an old, traditional Oromo song that originated in the Horro Guduru area of Wellega, Oromia. It is sang  during almost any celebration including weddings. Usually, a dozen or so people participate due to its  call-and-response format. While the chorus is always the same, the actual lyrics are usually customized by the lead singer. Qemer Yusuf’s take on the famous song is probably the most famous.
Iyaaseen iyyoodha, Kan fooliin shitoodha, Siin yaadin marookoo. ((4x))
Bofftii gammoji,  Hiin aduu iin yuusa, Yoman sii yaadu,  Irbaten buusaa, Irbaten buusuu, Keessaa midhaani, Imimmaan busee gaa, Keessaa garaani,
Baala geeshee, Baala hin laatu, Maal dhageessee Maalif nan yaadu
Qanyiittii jirbiii, Boffee daalacha, As siki sirbii damee, Kortee dhabata. ((2x))
Iyaaseen iyyoodha, Ken fooliin shitoodha, ??Hiin yaadin marookoo. ((4x))
Iyaasedha ga, Iyaasedha ga, Iyaaseen lollee, Sii yaadan bullee, Borana gala, Sawa bafana, Gargar hiin baanu, Kottu araramna.
Baala geeshee, Baala hin laatu, Maal dhageessee Maalif nan yaadu
Qenyiittii jirbiii, Boffee daalacha, As siki sirbii damee, Kortee dhabata. ((2x))
Ishkumtum…
Iyaaseen iyyoodha, Ken fooliin shitoodha, Siin yaadin marookoo. ((4x))
Iyaasedha ga, Iyaasedha ga, Iyaaseen lollee, Sii yaadan bullee, Yoo kormii gobee, Naa garaftaree Yoo sittin bo’ee, Bor naa dhuftaree
Baala geeshee, Baala hin laatu, Maal dhageessee Maalif nan yaadu
Qenyiittii jirbiii, Boffee daalacha, As siki sirbii damee, Kortee dhabata. ((2x))
Kortee dhabata (9x)
14 notes · View notes